Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu mana barumsaa bultii Dodolaa daawwate

 

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu mana barumsaa Bultii addaa Ifa Boruu Dodolaa ijaarramaa jiru daawwateera.

Manni barumsichaa barattoota barnoota isaaniitti ciccimoo ta’an Godinaalee Oromiyaa irraa simachuun kan barsiisu ta’a jedhame.

Yeroo ammaa ijaarsi mana barnootichaa dhibbeentaa 90 ol ga’uus ibsameera.

Bara 2013 akka naannoo Oromiyaatti mana barnootaa Bultii addaa 7 ijaaramaa jiran keessaa manni barnootaa Bultii addaa Ifa Boruu Dodolaa isa tokko ta’uu himameera.

Daawwannaa kanarratti Preezdaantoonni naannolee fi kantibaawwan bulchiinsa magaalaa lamaanii argamaniiru jedhame.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment