Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu Jibuutii gale

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC) – Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu Yaa’ii Idilee Biyyoota Miseensa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa 14ffaarratti hirmaachuuf Jibuutii galeera.

Yaa’iin 14ffaan dureewwan biyyoota Miseensota Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) har’a Jibuutiitti gaggeeffama.

Yaa’icharratti dureewwanii fi qondaaltoonni biyyoota miseensa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa kan irratti hirmaatan yoo ta’uu, hojiilee dhaabbatichi naannawichatti hojjetaa jiruu fi dhimmoota duub deebii naannawaa laatamaa jirurratti ni mari’atuun eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment