Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa Ganda Kuriftuutti misoomaa jiru daawwataa jira

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Jilli Muummee Ministiraa FDRI  Abiy Ahimadiin durfamu qamadii jallisii godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa Ganda Kuriftuutti misoomaa jiru daawwataa jira.

Daawwannicharratti MM Abiy Ahimad dabalate Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa  obbo Shimmallis Abdiisaa fi  Baankii Addunyaatti daayreektarri olaanaa Taahufilaa Niyaamaad Zaaboo argamaniiru.

Baankii Addunyaatti hojii raawwachiisaa olaanaa Afrikaa Garee 1 Taawoofiilaa Niiyaamaadizaaboom fi Ityoophiyaatti daayrektara Baankii Addunyaa Oosmaan Diiyoon waliin naannoo Oromiyaatti ooyiruu qamadii daawwanneerra jechuun Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun dilbata darbe jilli Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin durfamuu fi Ministirootaa fi preezdaantota naannolee haammate naannoo Amaaraa giddugala godina Goondar aanaa Danbiyaatti ooyiruu misooma qamadii bonee daawwachuun isaanii ni yaadatama.

Haasaa daawwanicharratti taasisaniin qonni bu’uura diinagdee Ityoophiyaa ta’ee turuu ibsuun haala idil addunyaa dhiyeessii qamadiirratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu fi wabii nyaataan of danda’uuf oomishtummaa saffisiisuun nbarbaachisaa ta’uu kaasanii turan.

Oomishtummaan argamaa jirus abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Hoggantoonni yeroo siyaasaa fi walga’iirraa hir’isuun diinagdeef hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti qamadii  boneen lafa heektaara kuma dhibba 400 irratti misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u sadarkaa naannoo Oromiyaatti lafa heektaara kuma dhibba 3 fi kuma 55 fi 130 irratti milkeessuun danda’amuu daawwannichaan ibsameera.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment