Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014(FBC) – Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu daawwannaa misooma qonnaa guyyoota 2f Godina Arsii Lixaa fi Shawaa Bahaatti taasiisaa ture xumureera.
Jilichi Godina Arsii Lixaatti Oomisha Qamadii, Boqqoolloo fi Boloqqee kilaasteraan misoome daawwateera.
Akkasumas Godina Shawaa Bahaatti aanaalee Dugdaa fi Ada’atti Avookaadoo fi Paappayyaa misoomaa jiru daawwachuus ibsameera.
Rakkoo dhiyeessii galtee,liqaa fi walitti hidhamiinsa gabaa jiru furuun murteessaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Preezdaantoonni naannolee daawwannicharratti hirmaatan hojii misoomaa naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jirurraa muuxxannoo guddaa argachuu fi muuxxannicha babal’isuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee rakkoo dhiyeessii magaalichatti muul’atu furuuf naannolee hunda waliin qindoominaan hojjechuuf waliigaltee hojii mallatteessuu ibsameera.
Daawwannichi naannolee biroottis kan itti fufu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Yaaddessaa Getaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.