Jilli miseensota Paarlaamaa Obbo Taaggasee Caafoon durfamu gita isaa Kaanaadaa walii muxxannoo waljijjiire

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2015 (FBC) – Jilli miseensota Paarlaamaa Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon durfamu gita isaa Kaanaadaa walii muxxannoo waljijjiireera.

Jilichi gara Kaanaadaatti imaluun miseensota mana maree Bakka Bu’oota Ummataa Kaanaadaa waliin muxxannoo wal jijjiireera.

Turtii isaan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’ootaa Kaanaadaa fi hoggantoota mootummaa olaanoo biyyattii waliin mari’ateera jedhame.

Marii bu’aa qabeessa hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’u taasiisuu himameera.

Jilichi lammiilee Ityoophiyaa fi dhalattoota Ityoophiyaa Kaanaadaatti argaman waliin dhimmoota haala waqtaawaa biyyaarratti mari’achuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment