Jilli ministirootaa hongee Booranaatti mudatee fi hojiilee dandammii hojjatamaan daawwate

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Jilli ministirootaa Godina Booranaatti ongee mudate hojiilee dandammii hojjatamaa jiru daawwataniiru.

Daawwannicharratti Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministira Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nuguse, Ministira Dhimma Dubartoortaa fi Hawaasaummaa Doktar Ergoge Tasfaayee, Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi kanneen biroon argamaniiru.

Jilli ministirootaa kun Godinichatti Gidduugala Fooyyessa Sanyii Loon Booranaa Diida Xuyyuuraa fi Aanaa Dubuluqitti maatii hongeen miidhamanii fi hojiilee dandammii mootummaan hojjatamaa jiran daawwachuun, deeggarsa taasisaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment