Jilli Ministirichaan durfamu pirojektii neetworkii bishaan Booranaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtamuu Ittafaan durfamu pirojektii neetworkii bishaan Booranaa daawwateera.

Pirojektichi Birrii biliyoona tokkoon kan ijaaramaa jiru yoo ta’u, sadarkaan ijaarsaa isaa %63 irraa gahuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Bishaan Oromiyaa Obbo Muhammadzaayid Galatoo himaniiru.

Kiloo meetira 82 kan dheeratu pirojektiin kun yeroo ammaa sadarkaan ijaarsa isaa harki caalu xumuramuu himan.

Pirojrktiin beetiwoorkii bishaan Booranaa wayita xumuramu hawaasa kuma 300 ol fayyadamtoota akka taasisu ibsameera.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan, rakkoo fi haqina dhiyeessi tajaajila bishaan dhugaattii godinicha yeroo dhiyootti furmataa akka argatu himaniiru.

Yeroo ammaa horsiisee bultonni godinicha kuma 600 ol tajaajila bishaan dhugaatii hatattamaa akka barbaachisu himameera.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment