Jilli Ministira Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamilin durfamu hojiilee misoomaa magaalaa Bishooftuu daawwatan

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Jilli Ministira Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamilin durfamu hojiilee misoomaa magaalaa Bishooftuu daawwatan.
Aadde Mufaariyaat Kaamil daawwannaa isaanii kanarratti akka ibsanitti magaalichatti hojiileen rakkoo bulchiinsaa fi komii hawaasaa hiikuu danda’an hedduun hojjetamaa akka jiru kaasan.
Keessattuu ija nageenyatiin yommuu ilaallamu mootummaaf ummata jidduutti wal hubannaa gaariin akka jiraatu hojiileen fedhii hawaasaa guutuuf hojjetaman jajjabeessaa tu’uu ibsan.
Hojiilee Magaalichatti hojjetamaa jiran keessaa proojaktin dhabamsiisa balfaa fi oomishni koompoostii hojetamaa jiru akka biyyaatti fakkeenyummaa kan qabu ta’uu fi piroojeektiin daandii asfaaltii, graavilii, giddu gala aadaa, jiddu gala maanguddoo, hojii koobilistoonii, ijaarsa mana baruumsaa fi kkf ijaarsarra jiraachun hubatame.
Walitti hidhamiinsa baadiyyaaf maagaalaa cimsuuf abukaadoon deeggarsa magaalichaan qonnaan bultoota aanaa ada’aaf bara darbe heektaara 105 irratti dhaabbatee fi bara kana qonnaan bultoota magaalaa ganda baadiyyaa irratti dhaabbate, akkasumas oomishni qamadii jallisii fi kuduraaf mudura hektaara 87 fakkeenyummaa kan qabu ta’uu ibsame.
Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu aadde Alamtsahaay Shifarraawu gama isaanin daawwannii ministirri ministeera nageenyaa fi jilli isaanii taasisaniif galateeffatanii daawwannaan akkanaa kun caalmatti kan onnee isaanii kennuu fi kan kakaasu ta’uu ibsuun daawwannaa taasisaniif galateeffatanii jiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment