Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Tumsa Diinagdee Deeniimaark Filiimiing Moolar Moortiinsaniin durfamu naannoo Somaalee magaalaa Godee galeera.
Jilichi magaalaa Godee buufata xiyyaaraa Ugaaz Meeraad Liiyilii wayita ga’u Preezdaantiin naannichaa obbo Muusxafee Mahaammadii fi hoggantoonni naannichaa simataniiru.
Jilichi turtii isaan miidhaa hongeen hawaasa irratti qaqqabsiise haala hir’suun danda’amurrattii fi deeggarsa dhiyeessii bu’uuraalee misoomaa irratti taasisuun danda’amurratti hoggantoota olaanoo naannichaa waliin ni mari’atuun eegama.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.