Jilli Ministira Maallaqaan durfamu Daayrektaroota IMF walii mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Jilli Ministiraa Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durfamu biyyoota garaagaraatti Daayrektaroota Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) walii mari’ataniiru.

Jilichis walga’ii waggaa Dhaabbataa Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamaa jiru cinaatti daayrektaroota dhaabbatichaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan Gorsitootaa Daayrektaroota Xaaliyaanii, Ingiliiz, Jarmanii, Faransaayii fi Chaayinaa waliin mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Marichis tumsummaa misoomaa idil addnyaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaarratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

Keessumaa yeroo rakkootti dhaabbatichi deeggarsa waaraa taasisuurratti mari’achuun eerameera.

Ityoophiyaan qormaataa fi dhiibbaa mudataanii jiru keessa akka baatuuf IMF tumsaa misoomaa ta’uu haalota dandeessisanirratti mari’achuun isaanii eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment