Jilli Ministira Dhimma Alaafi Dhimmoota Awurooppaa Isloovaaniyaan durfamu daawwannaa hojiif gara Ityoophiyaa ni dhufa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Jilli Ministira Dhimma Alaafi Dhimmoota Awurooppaa Isloovaaniyaa Taaniyaa Faayaniin durfamu daawwannaa hojiif gara Ityoophiyaa kan dhufu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Jilichi Eebla 3-5, 2015tti Ityoophiyaatti daawwannaa hojii kan taasisu ta’uu ragaan ministeerichaa ni mul’isa.

Jilichi turtiisaan hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’ataan kan eegamu ta’uus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment