Jilli Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii obbo Taarraqany Buliltaan durfamu indaastiriiwwan magaalaa Dirree Dawaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Jilli Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii obbo Taarraqany Buliltaan durfamu indaastiriiwwan magaalaa Dirree Dawaa daawwateera.

Daawwannichi warshaalee sababa rakkoolee garaagaraan gara hojiitti hin galleef deeggarsa barbaachisaa taasisuun gara hojiitti galchuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluun imala badhaadhinaa biyyattii milkeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Jilichi warshaa korojoo pilaastikaa JFJ sababa rakkoo liqaa fi kaappitaalaan baatiiwwan 6’f dhaabbatee turee fi yeroo ammaa rakkoon isaa furamuun gara hojiitti deebi’e daawwateera.

Dabalataanis jilichi sosochii hojii Warshaa Dirree Dawaa Mootars warshaa walitti hidhaa konkolaataa fi baajaajii/konkolaataa abbaa miila sadii daawwateera.

Magaalichatti warshaalee rakkoo garaagaraan hojii dhaaban haala hojiitti deebisuun danda’amurratti mari’atamuu Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii obbo Taarraqany Buliltaan ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment