Jilli lammiilee gara biyyaattis deebisuuf haala mijeessu tibbana gara Sa’udiitti imaluufi

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Lammiilee Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebiisuuf jilli haala mijeessu guyyoota itti aanaan gara Saa’ud Arabiyaatti kan imalu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Jilli Mootummaa Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon durfamu guyyoota itti aanaan gara Saa’ud Arabiyaa kan imalu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Obbo Nabiyyuu Tadlaan ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Jilichi gita isaa Saa’udii fi Miisiyoonoota Itiyoophiyaa Riyaadii fi Saa’udiitti argamu waliin ta’uun haala lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuun danda’amurratti kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Lammiilee Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran kuma 70 gara biyyaa deebisuuf jilichi haala kan mijeessu ta’uu dubbataniiru.
Baatiiwwan salgan darban keessa lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa turan kuma 50 ol gara biyyaa deebisuun danda’uu Obbo Nabiyyuun ibsa isaaniin eeruu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
s
Comments (0)
Add Comment