Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Jilli Korporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Qajeelcha Misooma Gabaa, Kominiikeeshinii fi hoggantoonni biroon Chaayinaa Bejiingitti daawwanaa hojii taasisa jiraachuun ibsame.
Daawwanichaan haala abboottiin qabeenya Chaayinaa Paarkiiwwan Indaastiri Ityoophiyaa keessatti hojjechuu danda’an irratti mariin gaggeeffameera.
Jillichi Chaayinatti Embaasii Ityoophiyaa kan daawwate yoo ta’uu, Chaayinatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Tafarraa Darriboo waliin hojiilee filannoo invastimantii fi kallattiiwwan xiyyeeffannoorratti mari’ataniiru.
Jillichi turtii isaan Chaayinatti Paarkiiwwan indaastirii, naannawaa daldalaa bilisaa fi bakkeewwan invastimaantii Chaayinaa kan daawwatan ta’uu ragaan korpooreshinicharra argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.