Jilli koreewwan Caffee Oromiyaa magaalaa Awwadaayii fi Bulee Horaatti daawwannaa hojii misoomaa gaggeesse

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa oolmaasaa guyyaa 3ffaan godina Harargee Bahaa Magaalaa Awwadaayi fi Bulee Horaatti argamuun qaamolee hawaasaa garaa garaa waliin mari’ateera.
Dawwannaa isaaniinis, dhaddacha dhaabbii Mana Murtii Magaalaa Awwadaay, Proojektii ijaarsa daandii koobilii miiliyoona 2 oliin hojii dhabdoota magaalaa gurmeessuun hojjetamaa jiruu fi gidduu gala gabaa Jimaa Awwadaay daawwachuun hanqinaalee fi ciminaalee jiru madaaleera.
Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee kun hojiiwwan bu’uura misoomaa, haala baruu fi barsiisuu manneen barnootaa fi mana sirreessaa aanaa fi magaalaa Bulee Horaa daawwachuun hawaasa waliin mari’atee jira.
Proojektoota daandii, bishaan dhugaatii magaalaa fi baadiyyaa, ibsaa, mana barnoota bultii addaa magaala garbaa sadarkaa 2ffaa, buufata konkolaataa fi buufata fayyaa magaalaa akkasumas, mana sirreessaa magaalichaatti argamuun qabiinsa sirreeffamtootaa fi mirga namoomaa buufata poolisii magaalichaa daawwachuu isaa ragaan Caffee Oromiyaarraa argame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment