Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Gareen Jilaa Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Chaayinaa Beejiingitti dhaabbilee garaagaraa daawwateera.
Haaluma kanaan jilichi sochii hojii Zoonii Addaa Diinagdee Chaayinaa “Misooma Teeknoolojii Diinagdee Beejiingi” jedhamu daawwateera.
Zoonii diinagdee kanatti, dhaabbilee kuma 26 biyyoota 40 olirraa babba’aniin hojiilee invastimantii Doolaara biiliyoona 100 gaggeessaa kan jiran ta’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.