Jilli Koomishinar Laliseen durfamu daawwannaa muuxanno waljijjiirraa Keeniyaatti taasise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Jilli Koomiishinara Koomiishinii Tuuriizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaan durfamu Keeniyaatti daawwannaa muuxannoo waljijjiirraa gaggeesseera.

Jilichi Aanga’oota Dhaabbilee Tuuriizimii Keeniyaa waliin mari’ateera.

Koomiishinar Lalisee Dhugaan maricharratti, qabeenya Tuuriizimii Ityoophiyaa, keessumaa Naannoon Oromiyaa qabdurratti ibsa bal’aa kan kennan yoo ta’u, qabeenyaalee kanneen qindoominaan fayyadamuurratti hanqinaaleen jiraachu eeraniiru.

Kanaafis walitti hidhamiinsa naannawaa uumuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Ministeerri Ministeera Tuuriizimii, Bineensota Bosonaa fi Hambaalee Keeniya Dooktar Paatriik Buuchaan, Ityoophiyaa fi Keenyaan hariiroo waggoota dheeraa kan qaban ta’uu fi hariiroon obbolummaa biyyoota lameenii gara fayyadamummaa diinagdeetti jijjiiramuu akka qabu ibsuu ragaan Komishinii Tuuriizimii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Keeniyaatti Itti Aanaan Miisiyoonaa Embaasii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Warqaalammaawu Dastaan, hariiroon biyyoota lameenii seena qabeessaa fi daran cimaa ta’uu eeraniiru.

Hariiroo jiru daran jabeessuun damee tuurizimiirraa Ityoophiyaa fi Keenyaan bu’aalee hedduu argachuu akkaataa danda’anirratti Embaasiin Ityoophiyaas deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Hoggantootni dhaabbilee Tuuriizimii Keeniyaa garaagaraa mariicharratti argamanis haala caaseeffama, qindoomina hojii, fayyadamummaa, ijaarsa dandeetti, fandii turizimii, beeksisaa fi gabaa turizimii, tuur oppireeshinii, sadarkeessa dhaabbilee turizimii fi kanneen biroorratti muuxannoo Keeniyaan qabdu qoodaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment