Jilli Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Gamtaa Awurooppaan durfamu Godee gale

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Jilli Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Gamtaa Awurooppaa Jaaneez Leenaarsiik fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtichaa Roonaald Koobiyaan durfamu naannoo Somaalee magaalaa Godee galeera.

Jilichi wayita buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Ugaas Miiraad Laaylii ga’u jilli hogganaa Waajjira Preezdaantii naannichaa Dooktar Huseen Hash Qaasimiin durfamu simannaa taasiseeraafi.

Kayyoon daawwannaa jilichaa dhiibbaa hongeen naannichatti qaqqabsiise, deebii laatameefi hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran gamaaggamuuf ta’uu eerameera.

Dabalataanis jilichi hoggansa olaanaa naannichaa waliin haala hojiilee misoomaa naannichaa deeggaruun danda’amurratti ni mari’atamaan kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment