Jilli Keeniyaa jaarsa biyyaa gosa Dagoodiyaa Wabar Abdillee Wabar Abdiif badhaasa kabajaa kennuuf Jigjigaa gale

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Jilli Keeniyaa jaarsa biyyaa gosa Dagoodiyaa Wabar Abdillee Wabar Abdiif badhaasa kabajaa kennuuf naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa galuu ibsame.

Jilichi badhaasa meedaaliyaa nageenyaa Pireezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaataan jaarsa biyyaa saba Dagoodiyaa Wabar Abdilee Wabar Abdiif gumaachan dabarsanii laachuuf Jigjigaa galuu eerameera.

Jilichi Jgjigaa buufata xiyyaaraa Gaarad Wiilwaal wayita gahu Pireezidaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad simataniiru.

Jilichi turtiisaan jaarsa biyyaa naannichaa kabajni guddaan laatamuuf Wabar Abdillee Wabar Abdiif beekamtiifi badhaasa meedaaliyaa ni kenna jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Wabar Abdillee Wabar Abdiin walitti bu’iinsa naannoo Somaalee bakkeewwan garaagaraatti mudatan tasgabbeessuun lammiileen jireenya nagaa qabeessa akka jiraataniif gahee ba’achaa turaniif Pireezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaataan badhaasa kennuufii yaadachiifameera.

Jaarsa biyyaa gosa Dagoodiyaa kan ta’an Wabar Abdillee Wabar Abdiinsababa walitti bu’iinsaan qabeenya lammiileerra miidhaan akka hin qaqqabneef jaarsolii biyyaa garaagaraafi dargaggoota waliin kan hojjetan ta’uu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment