Jilli Jeneral Ababaawu Taaddasaan durfamu sirna kabaja hundeeffamaa waggaa 47ffaa Raayyaa Ittisaa Jibuutiirratti hirmaate

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Jilli Itaamaajoor shuumii ittaanaa raayyaa ittisa biyyaa Jeneral Ababaawu Taaddasaan durfamu guyyaa hundeeffamaa waggaa 47ffaa Raayyaa Ittisaa Jibuutiirratti hirmaate.

Sirna kabaja hundeeffamichaa irratti Ministirri Raayya Ittisaa Jibuutii Hasan Umar Mahaammadiin dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaa, ataasheewwan raayyaa ittisaa fi dippiloomaatonni bakka argamanitti agarsiisi loltummaa dhiyaachuun kabajameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment