Jilli Jeneraal Biraanuu Juulaatin duurfamu, muummee ministiraa Sudaan waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa itti aanaan eetaamaajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Biraanuu Juulaatin duurfamu muummee ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook waliin mari’ate.

Aggaammii ajjeechaa muummee ministiraa Abdallaa Haamdook ilaalchisees ergaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad irraa ergame muummee ministirichaa harkaan ga’aniiru.

Itti aanaan eetaamaajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Biraanuu Juulaan muummee ministiraa Abdallaa Haamdook, ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Jeneraal Jamaaladdiin Oomaarii fi eetaamaajoora raayyaa ittisaa biyyattii Usmaan Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Marichaan yaalii ajjeechaa Abdallaa Haamdookirratti raawwatame balaaleffataniiru.

Ityoophiyaan Sudaan waliin kan dhaabbattu ta’uus ibsaniiru.

Sudaan hariiroo gaarii baroota dheeraa Ityoophiyaa waliin akka qabduu fi yeroo rakkinaas kan waliin dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad yeroo mootummaa cee’umsaa Sudaan waliin dhaabbachuun ibsameera.

Sudaan dhimma Hidha Haaromsaarratti faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf Ityoophiyaa waliin ni dhaabbatti jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment