Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Jilli Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Indooneezhiyaa Al Baasayiraan durfamu daawwannaa hojiif magaalaa Arbaa Minci galuu ibsameera.
Jilichaaf bulchaa godinichaa obbo Biraanuu Zawdee dabalatee hooggantoonni olaanoon simannaa taasisaniifiru.
Kaayyoon daawwannaa kanaas hariiroo daldalaa cimsuu fi filannoowwan invastimentii godinichaa adda baasuun invastaroonni Indooneezhiyaa dameewwan garaagaraatti akka hirmaatan taasisuu akka ta’e ibsameera.
Ambaasaaddarichi gama isaaniitiin, daawwannichaan gammadoo ta’uu fi naannichi invastimentii garaagaraaf mijataa ta’uu bsaniiru.
Jilli kun turtii isaatiin bulchiinsa godina Gamoo fi waldaalee daldalaa magaalaa Arbaa Minci waliin marii kan taasisu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.