Jilli Ityoophiyaa Ministira Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa Ministira Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa waliin haala lammiilee gara biyyaa deebisuun danda’amurratti mari’ateera.
Jilli Ityoophiyaa Daayreektara Dhimma Alaa Ambaasaaddar Leencoo Baatiin durfamu gara Saa’uda Arabiyaa imaluun ergamaa addaa biyyattii waliin mari’ateera.
Lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa Azaahiraanii keessa jiraatan mirgii fi nageenyummaan isaanii kabajamee gara biyya isaanii deebi’uu haala danda’anirratti mari’ataniiru.
Haaluma kanaan kanneen seera nageenya daangaa Saa’ud Arabiyaa cabsan gara Ityoophiyaa deebisuu haalli kan mijatu ta’uu ibsameera.
Jilli Ambaasaaddar Leencoo Baatiin durfamu kun lammiilee Ityoophiyaa mana amala sirreessaa Magaalaa Jiddaa Umeesii keessatti argaman bira dhaquun jajjabeessuu ragaan Saa’ud Arabiyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment