Jilli Itti Aantuu preezdaantii fi Qindeessituu kilaastara magaalaa naannoo Oromiyaa aaddee Caaltuu Saaniin durfamu magaalaa Duukam daawwachaa jira

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Jilli Itti Aantuu preezdaantii fi Qindeessituu kilaastara magaalaa naannoo Oromiyaa aaddee Caaltuu Saaniin durfamu magaalaa Duukam daawwachaa jira.

Daawwannaa kanaan, magaalaa Duukamitti barattota harka qalleeyyii 190 oliif deeggarsa meeshaalee barnootaa gara garaa kennameera.

Akkasumaas, hojii misoomaa hirmaannaa umataatiin kan hojjetamu daandii cirrachaa fi kobiilstoonii kiloomeetra 45 olii fi hojii magariisummaas jalqabsisaniiru.

Hojichi baasii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 64 kan hojjetamu ta’uu kantiibaan magaalaa Duukam obbo Tashoomaa Girmaa himaniiru.

Daawwannicharratti kan aragaman Itti Aantuu preezdaantii fi Qindeessituu kilaastara magaalaa naannoo Oromiyaa aaddee Caaltuu Saanii biyya jaalachuu fi sabboonummaa jechuun ummataa fi biyyaaf hojjachuudha jedhan.

Warshaa zayiitaa Birrii miiliyoona 7n, daandii asfaaltii kiloomeetea 2.5 birrii miliyoona 100 fi miiliyoona 30n ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Warshaan zayitaa guyyaatti litra kuma 15 ni oomisha.Carraa hojii namoota 50f ni uuumas jedhameera.

Akkasumas ijaarsa gamoo waajjiira bulchinsaa magaalaa Duukam Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 75niin ijaaramuuf jedhu eegalchiisaniiru.

Proojaktoonni kun ji’a 4 hanga waggaa tokko keessatti akka xumuuraman Itti aantuun kantiibaa magaalaa Duukam addee Alfiyaa Abdurahmaan ibsaniiru.

Daagimaawit Daksiisaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment