Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Jilli Ittaanaa Preezdaantii naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo fi Ministira Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan durfamu godina Daawaroo gale.
Jilichi dhagaa bu’uuraa Warshaa dhagaa cilee miiccuu fi misoomsu kaa’uuf godinicha galuu ibsameera.
Warshichi damee diinagdee maaykiroo biyyattii guddisuurra darbee hawaasa naannichaa fayyadamoo taasisuun lammiilee hojii barbaadaniif carraa hojii kan uumu ta’uu ibsameera.
Jilichi godina Daawaroo magaalaa Taarcaa wayita ga’u hawaasa magaalichaa fi garee aadaa godinichaan simannaan taasifamuu ragaan Biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.