Jilli Itiyoophiyaa Waltajjii Marii Birmadummaa Idaa Idil Addunyaarratti hirmaate

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC)-Gareen Jila Itiyoophiyaa walga’ii waggaa 2024 Dhaabbataa Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaan cinaatti Waltajjii Marii Birmadummaa Idaa Idil Addunyaarratti hirmaateera.

Walga’icharratti Ministir Deetan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny, idaa walsimsiisuu ilaalchisee muuxannoo Itiyoophiyaa qoodaniiru.

Tattaaffii gaarii biyyoonni idaa isaanirra jiru kaffaluuf taasisan ilaalamuun yeroon hafuura fudhannaa kaffaltii idaa taasifamuufii akka qabu hubachiisaniiru.

Sagantaaleen Dhaabbataa Maallaqaa Idil Addunyaas guyyaa boordiin raga’ee eegalee baatiiwwan ja’a keessatti haala adeemsa idaa walsimsiisuu xumuruun danda’amu hojiirraa oolchuurratti yaadaa haaraa dhiyeessaniiru.

Hirmattoonni walga’ichaas bu’aa qabeessummaa adeemsa idaa walsimsiisuu, tilmaamamaa fi barbaachisummaa gabatee yeroo irratti waliigalteerra ga’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment