Jilli Israa’eel dhaabbilee fayyaa miidhaan irra gahee deebisanii dhaabuu fi deeggarsa taasisuuf Goondar gale

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC)- Jilli Fayyaa Israa’eel naannoo Amaaraatti dhaabbilee fayyaa garee shororkeessaa ABUT’tiin miidhaan irra gahee deebisanii dhaabuu fi deeggarsa taasisuuf Goondariin galeera.

Hospitaala Yuunvarsiitii Goondaritti bakka qaamolee dhimmi ilaallatu argamaniitti mariin dhaabbilee fayyaa barbada’aan deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffate kan gaggeeffamu ta’uu ragaan yuunvarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Jilichi buufata xiyyaaraa Atsee Teewdiroos Goondar wayita ga’u daayrektarri olaantuun fayyaa dubartotaa fi daa’immanii Ministeera Fayyaa Dooktar Masarat Zalaalaam dabalate, preezdaantiin yuunvarsiitii Goondar Asiraat Atsedawaayiinii fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon simannaa taasisaniifiru.

Jilli fayyaa Israa’eel guyyaa kaleessaa Finfinnee galuun isaa ni yaadatama.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment