Jilli Injiinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu proojektii misooma jallisii Taandaahoo daawwate

Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Jilli Ministira jallisii fi Misooma Gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahammadiin durfamu hoggantoota olaanoo naannoo Affaar waliin proojektii misooma jallisii Taandaahoo daawwateera.

Proojektichi bara 2007 kan xumuramee yoo ta’u, dandeetti lafa hektaara kuma 60 misoomsuu qaba jedhameera.

Bishaan Meetir Kiyuubii biiliyoona 1.86 qabachuu akka danda’u ibsameera.

Proojektichi baasii mootummaa Birrii biiliyoona 8.58’n ijaaramu  eerameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment