Jilli idil addunyaa Gamtaa Ityoo-Teeleekoom Finfinneetti marii gaggeessa jira

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC)- Jilli idil addunyaa Gamtaa Ityoo-Teeleekoom Finfinneetti marii gaggeessaa jira.

Jilli kun qopheessummaa Ityoophiyaatiin kan qophaa’uu qophii konfiraansii misooma teeleekoom idil addunyaa ilaalchisee Finfinneetti marii taasisaa jira.

Konfiraansii misooma ityoo teeleekoom 8ffaan Caamsaa 27, 2014 irraa eegalee Afrikaatti yeroo jalqabaaf Finfinneetti ni gaggeeffamaa.

Kessummoonni kumni lamaa ol kan irratti hirmaataan konfiraansichi milkiin akka xumuramuuf Ityoophiyaan qophii taasisaa jirti.

Qophiicharratti bakka buutonni idil addunyaa gamtaa ityoo teeleekoom koreewwan konfiraansicha qopheessaan waliin Finfinneetti mari’ataa jira.

Itti aanaan walitti qabaa koree biyyoolessaa Ityoophiyaa Injiinar Baalchaa Reebaa, konfiraansichaa waltajjii dhugaa Afrikaa taasisuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment