Jilli hoggantootaa Biiroo Qonnaa Oromiyaan durfamu Aanaalee godina Shawaa Kibba Lixaatti hojii facaasa misooma qamadii bonee daawwate

Finfinnee, Mudde 18, 2015 (FBC) – Jilli hoggantootaa Biiroo Qonnaa Oromiyaan durfamu Aanaalee godina Shawaa Kibba Lixaatti hojii facaasaa misooma qamadii bonee daawwateera.

Akka godina Shawaa Kibba Lixaatti lafti heektarri kumni 35 ol misoomaa qamadii boneen misoomuuf karoorfamee, hanga ammaatti lafti heektarri kumni 25 ol sanyiin uwwifamuu itti gafaataman Waajjira Qonnaa godinicha Obbo Walabummaa Raggaasaan ibsaniiru.

Bara kana akka Oromiyaattii misooma qamadii jallisii boneen lafa heektara miiliyoona 1 ol misoomsuuf karoorfamee, hanga xumuraa baatii Mudde,2015 tti facaasaa xumuruuf hojjetama jiraachuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan eeraniiru.

Hanga ammattis lafti heektarri kumni 982 ol qophaa’e keessaa lafti heektarri kumni 843 ol sanyiin uwwifamuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Jilli kun hojii misooma qamadii jallisi bonee Aanaalee godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Iluu , Daannoo fi Bachoootti hojjetamaa jiru daawwateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment