Finfinnee, Amajjii 21, 2014 (FBC) – Jilli hoggantoota olaanoo Ityoophiyaa Emireetoota Araba Gamtoomaniitti dawwaannaa hojii taasiisaa jiru ‘Eksipoo’ Dubaay 2020 daawwateera.
Jilichi iddoolee agarsiisaa Ityoophiyaa fi Emireetoota Araba Gamtoomanii daawwateera.
Iddoon agarsiisaa Eksipoo Ityoophiyaa qophaa’e seenaa, aadaa fi carraa Invastimantii beeksiisuuf tajaajila jedhame.
Eksipoo Dubaay 2020 Ityoophiyaan iddoo argama dhala namaa fi bunaa, iddoo ga’umsa Turizimii, akkasumas biyya Invastimantiif filatamuu ta’uu beeksisaa jiraachuu ibsameera.
Egarsiifni kun xumuramuuf Baatiwwan 2 qofti kan hafan yoo ta’uu, hanga ammaatti namoonni miiliyoonan lakkawwaaman daawwachuu ibsameera.
Alaazar Taaddaleetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.