Jilli hoggansa olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa hojiidhaf Jibuutii daawwachaa jira

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Jilli hoggansa olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa hojiidhaf Jibuutii daawwachaa jira.

Jilichi itti aanaa preezdaantii mootummaa naannichaa obbo Shimallis Abdiisatiin duurfamuudhani Jibuutii daawwachaa kan jiru.

Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdulaaziiz Mahaammad jilichaaf simannaa taasisaniiru.

Jilli itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisatiin duurfame kun qondaaltota Jibuutii waliin hariiroo diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa cimsuurratti ni mari’ataan eegama.

Comments (0)
Add Comment