Jilli hoggansa mootummaa naannoo Oromiyaa Soomaalii Laand daawwate

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Jilli hoggansa mootummaa naannoo Oromiyaa Soomaalii Laand daawwate.

Jilichi sadarkaa itti aantuu preezdaantiitti qindeessituu kilaastara diinagdee Caaltuu Saanitiin duurfamuudhani daawwii hojichaa kan taasise.

Jilichi daawwii hojii kanaan preezdaantii Soomaalii Laand Muusaa Baahii waliin mari’ateera.

Marichaan hariiroo diinagdee cimsuurratti xiyyeeffatameera.

Aadde Caaltun qonnaan bulaa baha Oromiyaa, Soomaalii Laandin diinagdeedhan walitti dhiyeessun murteessadha jedhaniiru.

Preezdaantiin Soomaalii Laand Muusaa Baahiin gama isaanitiin jijjiirramni Ityoophiyaatti dhufaa jiru naannoo baha Afrikaatif abdii olaanadha jedhaniiru.

Hariiroo diinagdee naannichaa cimsuu keessatti ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uus ibsaniiru.

Jilli mootummaa naannoo Oromiyaa kun turtii isaa Soomaalii Laandin dhimmoota diinagdee, daldala, nageenya, kabajamuu mirgaa fi nageenya baqattootaa, hariiroo ummataa cimsuurratti mari’ateera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment