Jilli garee Kubbaa Miilaa biyyaalessa Itiyoophiyaa gara Giinii Bisaw imale

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) –Jilli garee Kubbaa Miilaa biyyaalessa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa taphachuuf gara Giinii Bisaw imale.
Jilli taphattoota 23 of keessatti hammate kun halkan har’aa Magaalaa Bisaw ni qaqqabaan eegama.
Garichi shaakala Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti taasiisaa ture guyyaa kaleessaa xumuruun har’a gara Magaalaa Bisawutti imaluu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment