Miidhaa Hongeen qaqqabaa jiru qolachuuf dhaabilee gargaarsaa Idil Adunyaa waliin hojjatamaa jira- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Miidhaa sababa Hongeen kutaalee biyyattii qaqqabaa jiru qolachuuf dhaabilee gargaarsaa Idil Adunyaa waliin hojjatamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Jilichi Aanaa Dubuluqitti argamuun Buufata Fayyaa Magaala Dubuluqiitti manguddootaaf daa’imman Sababa hongeen miidhaman daawwatera.
Buufata kanatti daa’immaniifii Maanguddoota hanqina nyaataaf saaxilamanii tajaajila argaachaa jiraanis ilaaluun jajjabeessaniiru.
Buufatichatti qoricha Tajaajila Fayyaa garaagaraaf oolu Toonii lama kennaniiru.
Horsiisee Bultoonnis rakkoo cimaa keessa jiraachuu kaasuun deeggarsi cimaan akka taasiifamuuf gaafataniiru.
Akka Godina Booranaatti hongee kanaan duraan namoota kuma dhibba 1 fi kuma 18 fi 864 deeggaramaa kan turan yoo ta’uu, Sababa hongeenis namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 66 fi 136 dbalamuun deeggarsa argachaa jiran jedhameera.
Yeroo ammaa namoota kuma dhibba 2 fi kuma 41 fi 424f deeggarsi dabalataa kan barbaachisu ta’uu Itti aanaan Bulchaa Godina Booranaa obbo Abdisalaam Wariyoo jila kanaaf himaniiru.
Akka walii galaatti namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 26 fi 424 deeggarsa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.
Namoonni kumni 17 fi 853 rakkoo hanqina nyaataaf saaxilamuu ibsameera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa rakkoon muudatee cimaa ta’uu kaasuun, miidhaan Haadholii fi Daa’immaniirra ga’aa jiru daraan ulfaataa dubbataniiru.
Muluu Waqshumeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment