Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Barnoota Dooktar Injinaar Geetaahuun Makuriiyaatiin durfamu godina Jimmaa aanaa Gommaatti mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Bashaashaa daawwateera.
Jilichi mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yeroo jalqabaaf barumsa itti eegalanii kan daawwate.
Jilichi mana barumsichaaf deeggarsa meeshaalee barnoota gargaraa taasiseera.
Dooktar Injinaar Geetaahuun Makuriyaa mana barumsaa seena qabeessa kana daawwachuu isaaniitti gammaduu ibsuun, lammii baratee fi qaroome horachuuf hunduu hojii baruuf barsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu qabas jechuun ibsuusaanii ragaan Ministeera Barnootarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.