Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu proojektii Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa qonnaan bultoota maraa Jimmaa daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC)- Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Hogganaa kilaastera Misooma baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu proojektii Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa qonnaan bultoota maraa Jimmaa daawwateera.
Jilichi warshaa fi man-kuusaa sanyii filatamaa aanaa Qarsaa ganda Marawwaatti Birrii miiliyoona 22 oliin ijaarramees eebbisiseera.
Dooktar Girmaa Amanteen,yuuniyeeniin jimmaa fi miseesonni isaa qonnaan bultoota gara badhaadhinaatti ceesisuuf hojii boonsaan hojjetameera jedhan.
Fedhiin calla guddistuu fi sanyii filatamaa fayyadamuu qonnaan bultoota godina Jimmaas sadarkaa Oromiyaatti muuxxannoo guddaa takka ta’ees himaniiru.
Akkan gabaasa OBNtti gamoon tajaajila waliigalaa abbaa darbii 4 Birrii miiliyoon 32n hojjetamuu fi gidduugala horsiisaa fi furdisa horii dhakaan bu’uuraa kaa’ameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment