Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu ijaarsa proojektii bishaan dhugaati aanaa Daallee Sadii daawwate

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC)- Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Qellem Wallagaatti ijaarsa proojektii bishaan dhugaati aanaa Daallee Sadii magaalaa Sabbuu daawwateera.

Jilichaan sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amantee, hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya, Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa dabalatee hoggantoonni naannoo fi godinichaa biroon haammatamaniiru.

Jilichi daawwannaa isaaniitin proojektii bishaan dhugaatii baasii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 64 ijaarramaa jiruu fi giddugala qorannoo qonnaa Haroo Saabbuu daawwateera.

Ijaarsi Proojektii bishaan dhugaatii kun %64 irra gahuu Injinar Habtaamuu Ittafaa himaniiru.

Ijaarsi proojektichaa baatiiwwan 6 keessaatti kan xumuramuu yoo ta’u, wayita xumurameettis jiraattoota aanichaa kuma 35 oliif tajaajila ni laata jedhameera.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment