Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Arsii Lixaatti Oomisha kilaastera qonnaa Aanaa Doddolaa fi Adaabbaa daawwate

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera misooma Baadiyyatiin Doktar Girmaa Amanteetiin durfamu Godina Arsii Lixaatti Oomisha kilaatera qonnaa Aanaa Doddolaa fi Adaabbaa daawwateera.
Gkka godina Arsii Lixaatti lafti hektaarri kumn dhibbi 2 kumni 78 kilaateraan misoomaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa Abdallaa Ibraahim ibsaniiru.
Qonna ganna bara oomishaa kanarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 11 kan eeggamu ta’uu ibsaniiru.
Akka Oromiyaatti lafti hektaarri miiliyoona 3.4 Kilaateraan misoomaa jiraachuu Doooktar Girmaan himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bulaan gatii salphaan tiraaktaroota qonnaa fi Kompaayinara argatee itti fayyadamuun callaa guddisuurratti hojiin hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.
Qonnaan bultoonni gatii dadhabbii isaanii akka argatan hojjatamaa jiraachuu Dooktar Girmaan dubbataniiru.
Kilaastarri qonnaa godinaalee Arsii fi Baalee qamadii omishuu irratti xiyyeeffate wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf ta’a jedhan.
Daawwannaa kanarratti Dooktar Girmaa fi Hogganaa Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee dabalatee qaamoleen garaagaraa argamaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment