Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Arsii Lixaatti qamadii misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC)–Jilli Sadarkaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amanteen Durfamu Godina Arsii Lixaatti qamadii Jallisii boneen oomishamaa jiru daawwate.

Daawwannicharratti Dooktar Girmaa Amanteen qamadii oomishuun wabii nyaataa mirkaneessuu, qamadii alaa galu bakka buusuu bira darbee birmadummaa biyyaatiin walqabata jedhan.

Itti Aanaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ibsaa Gammadaa Godina Arsii Lixaatti qonna Jallisii boneetiin lafti hektaarri kuma 40 uwwifamaa jira jedhan.

Galteewwan qonnaa kan akka xaa’oo, sanyii filatamaa fi maashinaroota gama mootummaan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Qonnaan bultoonni godinichaas oomisha qamadiirraa fayyadamoo ta’aa jiraachuu himaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment