Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu aanaa Jiddaatti facaasaa qamadii eegalchiise

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantii fi Qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu, godina Shawaa Kaabaa aanaa Jiddaatti facaasaa qamadii eegalchiise.
Jilli kun qonnaan bultoota aanaa Jiddaa Qamadii jallisiin misoomsan har’a facaasaa eegalchiiseera.
Qamadii biyya alaatii galu hambisuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi hawaasaa mirkaneessuuf mootummaan xiyyeffannoon hojjachaa jiraachuu ibsameera.
Hojii Qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfame milkeessuuf galteewwan dhiyeessii barbaachisan dhiyaachuu Dooktar Girmaa Amanteen dubbataniiru.
Dooktar Girmaan Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Fiichee lafa hektaara 100 fi 50 irratti Qamadii sanyii filatamaa jallisiin baay’isuuf karorfatee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti hojileen qonnaan bultoonnii fi dhaabbileen garaagaraa godina Shawaa Kaabaa karoora kana milkeessuuf hojjechaa jiran cimee itti fufu qaba jedhan Dooktar Girmaan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment