Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC)- Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaaster misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen hojiiwwan misooma qonnaa aanaalee Godina Wallagga Bahaa garaagaraa daawwateera.
Jilichi godina Wallagga Bahaa aanaa Gudayyaa Biilaatti hojiiwwan kunuunsa qabeenyaa umamaa ganda Haroo Guddisaatti hojjetamanii fi misooma abukaadoo ganda Daarbaasitti misoomaa jiru daawwateera.
Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Ongooboo Bakkaniisaatti qophii Biqiltuu bunaa bara kanaa buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaatti qopha’a jiraniis kan daawwateera.
Jilichi sochii rabsaa callaa guddistuu aanaa Sibuu Siree Carii jaarsootti geggeffamaa jirus daawwateera.
Akka gabaasa OBNtti daawwannichaan diinagdeen qonnaan bulaa guddatee badhaadhinni akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru akka milkaa’uuf ciminaan hojjechuu barbaachisa jedhan Dooktar Girmaa Amanteen.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.