Jilli Dooktar Girma Amanteen durfamu aanaa Gullisootti mana barumsaa Ifaa Boruu ijaarramaa jiru daawwate

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)- Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaaster misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamuu Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti manni barumsaa Ifaa Boruu ijaarramaa jiru daawwateera.

Manni barumsichaa baaja mootummaan naannoo Oromiyaa ramadeen baasii Birrii miiliyoona 34.5 ijaarramaa jira jedhameera.

Yeroo amma kanas ijaarsi mana barumsiicha %80 kan jiru yoo ta’uu, baatiiwwan lama keessaatti ni xumurramaan eegama.

Dooktar Girmaan manneen barnoota Ifaa Boruu godinalee Oromiyaa kessatti ijaaramaa jiran keessaa %46 ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’eeniiru jedhan.

Ijaarsi Mmanneen barnoota Ifaa Boruu biroo hafanis yeroo jedhamaa keessatti akka xumuramaniif mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa taasisaa jira jedhaniiru.

Hawaasni aanaa Gullisoo ijaarramun mana barumsicha dadhabii ijoolleen isaan waggootan hedduuf daandii dheera deema turan nu hambisa jedhu.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment