Jilli  Dooktar Darajjee Dhugumaan durfamu giddugala yaala godinalee Walloo kibbaa fi kaabaa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)-  Jilli Ministir Deettaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan durfamuu fi gareen hoggantoota dhaabbilee garaagaraa haammate giddugala yaala fayyaa naannoo Amaaraa godinalee Walloo kibbaa fi kaabaa daawwateera.

Jilichi garee hoggantoota hojii mootummaa Ministeeraa Fayyaarra, Eejansii dhiyeessaa Qorichaa Ityoophiyaa, qajeelcha fayyaa raayyaa ittisa biyyaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa naannoo Amaaraarraa walitti babba’an kan haammate ta’u ibsameera.

Jilichi hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Daassee, hospitalaa sadarkaa jalqabaa Marisaa, hospitaalaa sadarkaa jalqabaa Qobboo, hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Waaldiyaafi giddugaloota yaala fayyaa biroo daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniitin tajaajila yaala fayyaa idilee fi kenniinsa tajaajila yaala fayyaa raayyaa ittisa biyyaa olaantuummaa seeraa kabachisuuf bobba’ees daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

 

Comments (0)
Add Comment