Jilli dippiloomaasii Jibuutii magaalaa Shaggar gale

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Daandii Baaburaa Ityoo -Jibutiin imalee kan dhufe Jilli dippiloomaasii Jibuutii magaalaa Shaggar galeera.

Jilli dippiloomaasii Ministir Deetaa Ministeera biyya keessaa Jibutii Siraaj Umariin durfamu magaalaa Shaggaritti kan argamu buufata Baaburaa Furii Labuu wayita gahu Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Kantiibaa magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa biroon simatameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment