Jilli Dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa magaalaa Kaartum gale

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Jilli dargaggoota Dippilomaasii Misooma Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa Sudaan Magaalaa Kaartum galeera.

Jilli Ministir Deetaa Giddu gala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Muusaa Ahimadiin durfamu kun misooma Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuu magaalaa Kaartum galuu eerameera.

Jilichi turtii Sudaanitti taasiisuun misooma Ashaaraa magariisaa fi obbolummaa Afrikaa caalmaatti cimsuuf ergama isaa ni ba’a jedhame.

Yeroo itti aanus dargaggoota Sudaan waliin ta’uun sagantaa dhaabbii biqiltuu fi marii tumsa biyyoota lameenii cumsu ni gaggeessuun kan eegamu ta’u ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroo fi Aanga’oonni Mootummaa Sudaan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kaartumitti argamuun jila kanaaf simannaa taasiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment