Finfinnee, Muddee 6, 2012 (FBC) – Jilli diippiloomaasii hawaasummaa Ityoophiyaa har’a waaree booda Eertiraa seenera.
Jilli Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRIn duurfamu kun torbee tokkoof Eertiraa tura.
Jilichaan miseensonni 66 hammatamaniiru.
Jilichi ministir deettaa Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii aadde Bizuunash Masarat, miseensota ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii, Tiyaatira Biyyoolessaa, weellistoota beekamoo, Jaanoo Baand kan hammatedha.
Imalli jilichaa hariiroo ummataa, Eertiraa fi Ityoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.
Asmaraa, Karanii fi Mitsiwwaatti qophiin muuziqaa ni dhiyaata jedhameera.
Jilli aadaa Eertiraa Gurraandhala 2011 gara Ityoophiyaa dhufuun Finfinnee, Adaamaa, Baahir Daarii fi Hawaasaatti qophiisaa dhiyeessun ni yaadatama.