Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Jilli daldalaa Ityoophiyaa baatii Caamsaa dhufu gara Paakistaanitti kan imalan ta’uu ibsameera.
Imalli jila kanaa hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf ta’uu Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar ibsaniiru.
Dhimmicha ilaalchisuun Ambaasaaddar Jamaal ibsa kan kennan yoo ta’u, jilichi hoggantoota olaanoo 60 Ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii, Komishinii Invastimantii Ityoophiyaafi Paarkii Misooma Indaastiriirraa walitti babba’an kan hammate ta’uu eeraniiru.
Gareen jilichaa gitasaa Paakistaan waliin dameewwan teekinooloojii, turizimiifi kanneen biroorratti waliigaltee waliif kan mallatteessu ta’uu ibsaniiru.
Waljijjiirraa daldalaa biyyoota lameenii guddisuuf hawaasa daldalaa biyyoota lameenii gidduutti waliigalteewwan daldalaa kan mallatteeffamu ta’uus dubbataniiru.
Hariiroo daldalaa biyyoota lameenii cimsuuf Kaaraachiifi Islaamaabaaditti fooramiiwwan daldalaa qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Jijjiirama dameewwan diinagdee garaagaraa Ityoophiyaarratti dhufaa jiru hordofee hawaasni daldalaa Paakistaan waljijjiirraa daldalaa gam-lamee guddisuuf fedhii olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Jamaal eeraniiru.
Bifuma walfakkaatuun hawaasni daldalaa Ityoophiyaas hawaasa daldalaa biyyattii waliin walitti hidjhamiinsa uumuuf fedhii qabaachuu kaasuusaanii ragaan Paakistaanitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.