Jilli Atileetootaa Ikkoo Turizimii Wancii Dandii daawwate

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Jilli Atileetootaa Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun durfamu Ikkoo Turizimii Wancii Dandii daawwateera.

Atileet Daraartuu Tulluu dabalatee Atileetoonni bebbeekkamoon daawwannicharratti argamaniiru.

Fiigichi Guddaa Oromiyaa Muddee 27, 2016 Wanciirratti gaggeeffamu hordofee Atileetoonni kunneen bakkichatti argamuun daawwachuu eerameera.

Piroojektiin Haroo Wandii eebbaf kan qophaa’e yoo ta’u, hanga sagantaa eebba isaatti qophiileen garaagaraa naannawichatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Komishinii Turizmii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment