Jilli Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsaniin durfamu Magaalaa Jimmaa gale

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Jilli Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiiftuu Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsaniin durfamu Magaalaa Jimmaa galeera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Jimmaa Abbaa Jifaar gahu Itti aanaa kantiibaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Lataa Ashabbirii fi jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaan simannaan taasiifammeefira.

Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan hojiilee misooma Bunaa fi midhaanii Godina Jimmaatti hojjemaa jiru dinqisiifataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment